Hirmaannaan Dubartoonni Roga Hundaan Qaban akka Guddatu taasisuun Murteeysaa  dha jedhame !
July 05, 2026 9 views
"Hirmaannaan Dubartoonni Roga Diinagdee, Hawaasummaa fi Siyaasaa keeysatti qaban akka guddatu taasisuun murteeysaadha".Aadde Hukmiyaa Mahaammad, Itti Gaafatamtuu Goblaa Dubartootaa Waajjira paartii Badhaadhinaa Damee Bulchinsa Dirree Dhawaa.
Waajirrii Goblaa Dubartootaa waltajjii Raawwii hojii bara 2018,karoora bara 2019 fi karoora hojiilee tola Ooltummaa gannaarratti xiyyeeffatu gaggeeyse.
Waltajjicharratti arkamuun haasawa kan taasisan Itti Gaafatamtuun waajjira goblaa dubartoota paartii badhaadhinaa Adde Hukmiyaa Mahaammad, paartiin badhaadhinaa dubartoota roga diinagdee, hawaasummaa fi siyaasaatiin fayyadamoo taasisuuf xiyyeeffannaan hojjechaa jiraachuu ibsan.
Dubartoota gahoomsuudhaaf bara 2018 keeysatti hojiin jaarmaayee dubartootaa calaluun cimsuu hojjatamee jiraachuu fi kanaanis hirmaannaan dubartoota akka dabalu taasifamee jiraachuu waajjirichatti itti gaafatamtuun roga ijaarsaa Aaddee Aynalam Mangashaa Ibsan.
Waltajjicharratti raawwiin seektarootaa dabalatee kana Aanaalee magaalaa fi baadiyyaa dhiyaachuun irratti mari'atame.

 

Share: